Inistitiyuutii Qorannoofi Qoannoo Oromoo akka Afaan Oromoo qajeelchuuf aangeffame beektuu?

Posted by Arica Deslauriers on Saturday, May 18, 2024

23 Amajjii 2022

Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo rakkoolee Afaan Oromoo sirnaafi bifa waalta'aa ta'een barreessuu furuu dabalatee, guddinaafi dagaagina Afaanichaarratti xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibse.

Reefuu erga hundeeffamee baatii sadii kan ta'e Inistityuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo, aangoo dhimmoota Afaan, Aadaa, Aartiifi Seenaa Oromoo akka qajeelchuuf labsiin itti kenname hordofee caasaa isa akka hojiif tolutti diriirfachaa akka ture Inistitiyutichatti Dursituu Garee Qormaata Galmee Jechootaa kan ta'an kaadhimamtuu PhD Mitikkee Bitawuliny BBCtti himan.

Koree Waaltina Afaanii kanaan dura Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa jalatti hundeeffamee waggoota 20 oliif Afaan Oromoo waaltessuurratti hojjechaa ture bifa haaraan Inistitiyuutii kana jalatti akka haaraatti ijaaramee hojiitti akka jiru kaadhimamtuun PhD Mitikkee ni dubbatu.

"[Inistitiyuutivchi] gara Giddu-galaa Aadaa Oromootti erga ceenee booda gareen afaan waaltessu qophaatti of danda'ee, gareen dhimma Afaan Oromoorratti qoratu bakka afuritti qoodamee caasaa mataa isaatii bocatee hojjetaa jira," jedhu Mitikkeen.

Gareen Qorannoo Afaan Oromoo afran kunneenis: Garee Afoolaafi Og-barruu, Garee Qorannoo Galmee Jechootaa, Garee Qorannoo Caas-luuga Afaan Oromoofi Garee Qormaata Waaltinaafi Moggaasa Jechootaati.

Garee dhimmoota Afaan Oromoo gara garaa qoratan akkaa barbaachisummaa isaatiin caasessinee hayyootas irratti ramaduudhaan dhimmi Afaan Oromoo irratti hojjetamaa jiraachuu dabaluun himan.

Afaan Oromoo afaan barnootaa, miidiyaalee, qorannoofi saayinsii erga ta'ee dagaagaa dhufus, rakkooleen afaanicha keessatti mul'atan, keessattii barreeffama irratti addatti mudatan qajeelchuudhaaf wiirtuun tokko ni barbaachisa jechuun beektonni gaafachaa turaniiru.

Barbaachisummaa qaama Afaan Oromoo to'atu kana hubachuudhaan dhaabbileen barnoota ol-aanoo tattaaffii taasisan keessaa tokko Yunvarsiitii Wallaggaati. Yunivarssitichi akaadaamiin afaanii akka hundeeffamuuf kora waggaa lama dura qopheessee tureen qorannoo bu'uuraa dhiyeessee irratti mariyachiisaa tureera.

Rakkoofi dogogora hawaasa keessa jiru qaamni gaafatuufi sirreessuufi aangoo qabu hin turre kan jedhan kaadhimamtuun PHD Mitikkeen, amma garuu labsiin aangoon Inistitituutichaa akka kenname dubbatan.

Dura Akaadaamiin Afaan Oromoo yaa dhaabbatu jedhamaa akka ture yaadachuun, amma garuu akaadamii sanarraa gara inistitiyuutitti dhufee ijaaramee jira jedhan.

Kanaaf, Inistitituutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo amma hundaa'ee hojiitti jiru kun Afaan Oromoo dabalatee, aartiifi seenaa keessatti waan jallate qorannoofi karaa saayinsaawaa ta'een akka qajeelchuufiha.

Gareewwan Inistitituutiin kun ijaares qorannoo gaggeessuun bu'aa qorannoo isaanii isaanii karaa barrulee Wiirtuufi bifa kitaabaatiin maxxanfamuudhaan ummata bira akka gahan eeruun, miidiyaaleefi ogeessonni sirna barnootaa, akkasumas dhaabbileen barnoota ol-aanoos kana keessatti qooda guaa qabaachuu ibsu Aadde Mitikkeen.

Bu'aawwan qorannoo hawaasa biraan ga'uuf karaan ittiin qaamolee dhimmi isaan ilaallatu hirmachisan biroon kora Afaan Oromoo qopheessuudha.

Kora qopheessaniin namoonni dhimmicharratti gadi fageenyaan hojjetan waan jiraniif dhimma waaltinaa waliin walqabsiisee, "akkamiin hojiirra oola, maaltu danqee jira, maaliif fudhatamuu dida, ummanni maaliif rincica kan jedhurrattillee qorannoo adda addaa yunivarsiitii adda addaa hirmaachifnee hojjechiisaa turre," jechuun ibsu.

Afaan Oromoo akkuma afaan kamiiyyu amala mataa isaa waan qabuuf, seera barreeffamaas kan mataa isaa ta'e ni qaba. Koreen Inistitiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo xiyyeeffannoo addaa itti kennee kan hojjetu keessaa tokko dhimma barreeffama Afaan Oromooti jedhu.

"Kana irratti fakkeenyaaf, maxxantuuwwan akka 'fi', '-dha', kkf kan itti butee barreessu jira; kan irraa butee barreessus jira. Kana malees, akkaataa fayyadama jechoota ilaalchisee koreen kun kan qoratee dhiyeesse ni qaba garuu fudhachuurratti hawaasa keessa rincicuu ykn dhibaa'uutu ni jira."

Aadde Mitikkeen dhimmi Oromoo bal'aa waan ta'eef qaamoleefi yunivarsiitiiwwan adda adda hanga biyya alaatti jiran waliin hojjechuufillee fedhiifi kaka'umsa qabaachuu himu. Kanaaf kan ta'u ammoo caasaa jiruun hariiroo tolfachaa jiraachuu ibsu.

"Kanaaf, gara fuula duraatti egeree afaan, aadaafi seenaa keenyaatiif wantota guddaatu nurraa eegama. Kanaaf, isarratti ammoo hojjechaa jirra."

ncG1vNJzZmivp6x7o67CZ5qopV%2BWs6KtzaipqKWfpHx3fI9raXBxYw%3D%3D